Yaada Qubeessurratti!

17 views
Skip to first unread message

Sooressaa/Tokkummaa

unread,
Oct 13, 2005, 7:11:59 AM10/13/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Akka jirtan hunduu,
Qubeessuun Afaan Oromoo keessatii waan baayyee jijjiirraa hiika jechaa
fiduuf yeroo hiiknu osoo jecha yookaan gaalee hiiknu dheerina,
gababbina, laafinafi jabina isaanii ofii jechaa hiiknee baayyee
gaariidha. Tooftaa gaariin jecha sana dubbachuudhafi achumaan akka
dubbatametti katabuu keenya laaluudhaan taha. Tooftaan biroorree kan
sin beektan jiraachuu malu.

Kan biraa jechoota yookaan gaaleewwan hiiknu amma danda'ametti jecha
aadaa Oromoo gadi hinlakkisne tahuu isaanii mirkaneeffachuu qabaanna.
Dubbifamummaa(readability) dabaluuf jecha yookaan gaalee yoo hiknu otoo
gabaabsuuf yaallee;sababni isaa website yeroo design godhan jechoonni
baayyeen "Interface"rratti bahan gaggabaabbachuun kan bareedina qaban
tahuu qabu.

Egaa haala kanaan yaada waljijjiruun gaariidha.
Sooressaa,

Faajjii Seenaa

unread,
Oct 13, 2005, 9:30:57 AM10/13/05
to Gumii-Dagaagin...@googlegroups.com
Nageenyi bakka jirtanitti isin haaga'u hunduu!
Waanti obbo Sooressaan jechaa jiran kun waan laayyoo miti. Qubeesuurratti baay'een keenya rakkoo qabna. Kun ammoo hojii keenya duubatti nu deebisuu hindanda'u. Namoota waa'ee kanaarratti ofitti amantaa qaban yoo jiraatan nu gargaaruu malu. Obbo Sooressaan BA isaanii Afaanirratti waan ta'eef barnoonni isaanii obbo Sooressaan akka nama tokkootti nu gargaaruu danda'u jedheen yaada. Afaan Oromoo akka barnoota dabalataatti Yunivarsiitii Finfinneetti waan fudhataniif. Anillee dirree baqaarra jiraadhus yoo attach naaf godhamee e-malii koo kanarra naaf oole namoota kompiitara qaban bira fudhadhee deemee achitti gulaaluu nan danda'a. Anillee obbo Sooressaa waliin barnoota tokko waanan baradheef. Qubeesuurrattis rakkoo waanan qabu natti hinfakkaatu.
Kanneen biroo obbo Sooressaan kaasan hunduu akkuma jirutti hojiirra oolumsa isaa sirriitti to'achuu qabna. Kanaaf obbo Dameen waan kanarratti namoota mariyachiisuun barbaachisaa waan ta'eef namoota qooda hojii isaanii osoo laatameefi gaariidha.
Milkiisaadha.

Sooressaa/Tokkummaa <Mee...@gmail.com> wrote:


Yahoo! Music Unlimited - Access over 1 million songs. Try it free.

tokk...@nexgo.de

unread,
Oct 13, 2005, 9:40:25 AM10/13/05
to faa...@yahoo.com, gumii-dagaagin...@googlegroups.com
Nagaa ooltanii / bultamii marti keessanuu,
Galata Waaqaa ani nagayaan jira.

Hujii boonsiisaa egaltan kana haala boonsisaan fiixa baasuuf mariin isin godhaa jirtan heddu nama gammachiisa. Waaqni GURRAACHI ilmaan Oromoo humna fi obsa guddaa fuulduratti ittiin tarkaanfattan
isinii haa kennu. Jabaadhaa, jajjabaadhaa.

T. Ganamoo Caamsaa


----- Original Nachricht ----
Von: Faajjii Seenaa <faa...@yahoo.com>
An: Gumii-Dagaagin...@googlegroups.com
Datum: 13.10.2005 15:30
Betreff: Re: Yaada Qubeessurratti!
> ---------------------------------
> Yahoo! Music Unlimited - Access over 1 million songs. Try it free.

Machen Sie aus 14 Cent spielend bis zu 100 Euro!
Die neue Gaming-Area von Arcor - über 50 Onlinespiele im Angebot.
http://www.arcor.de/rd/emf-gaming-1

Abdi Saba

unread,
Oct 13, 2005, 8:36:29 PM10/13/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Akkam Jirtan dhiroo,

Ee! kunoo akkana maale. Oromoon waan jette, "namni akkam tana jedhe,
akka taa'u hin dhabu" jedhan. Yoo wolin mari'anne tabbi nuu hin banee,
lagni nuu hin cenne hin jiratu. Qabsoo Oromoos kan "Gadi'ee" ykn
sakallee akka Qocaatti dadden demtu godhes ani akka kiyyatti
malaa-marii qabachu dhabu kenna naa fakkataa.

Obbolleyaan Obboo Sooressaa, Tokkummaa Ganamoo fi Faajjiin yaada
bilchon asi batan. Ana Qubeessun rakkoo nati tateefille barnotaa kenna
jirtan, irra dephee xinxalu qaba. Wori kanis akkasumma akka waa
barachun keessaan hin ollee abdi qaba.

Kaa biroo, MARSAA kana maalif akkas qabiyyee isa dhiphifna yoo waan
"SIYASAA OROMOO" irratti yaada wol-jijjiree maaltu nuu dhowee isa
jedhuf..ani akka kooti qabiyee isa guddisuu ykn maqaa isa jijjiruuf
waan nuu dhorgu tokkoolle jira jedhe hin yaadu.

Haa taa'u ammoo duran gaafa marsaa kana banne (egalee) kaayyon isa
Googil Afaan Oromootti hikuuf....kuni ammayyu osoo hin dhumattin jira.
Kanaf yaadni koo gababumaatti wontotaa dabaree/dursaa (priority) kennu
nuu fesisaa nati fakkatta. Osoo dhimma Ijoo tokkoo hin golabne gara
biroo tarkanfachun hojii sani gufachisaa jedhe yaada. Kanumaaf mee kaa
jalqabne haa fixaa bafnu, sana booda maari'anne wol-wojjin tarkanfachu
dandenna.
Yoo kaa biraa hafee---hojjimaa kana fakkatuu kan biroo hojachuu
dandenna...yoo akkasitti wol-qabane tarkanfanne...akkumma Daraabaftu
(spider)hariroon kennas cimma'aa demma.

Dhumaaratti, yoo akkas gonne hoo,
.Obboo Faajjii fi Sooressaan kaa duran hikamee nuu gulalaa/Gilgalaa
. Namooni akka jaraa kana qubeesurratti ofirratti amantaa qabdan isan
faana hojadha.
. Wori kani haga dandennen hikuurratti haa bobannu!

Woli galee? Woli galan---------------------------------

Ee! Ammas Obboo Faajjii isa ani gara ONA tti erge sana yoo hin arganne
taate e-mail koo dhunfa irratti naa gafadhu hunda gudunfee (attach)
siif ergu nan danda'aa!
Ammaf kanumaa, hundi keessannu yeroo garii!
Abdi Saba (Damee).

Faajjii Seenaa

unread,
Oct 15, 2005, 1:29:29 AM10/15/05
to adem...@gmail.com, Gumii-Dagaagin...@googlegroups.com
Obbo Abdii,
Yaadan waa'ee marsaa kanaarratti jedheef deebii naaf kenniteef galatoomi. Itti quufeera. Waan dursi kennamuufii qabu dhugumatti dursa kennuufii qabna. Wantuma kana seeraa haa xumurru dura. Warra afaanii osoo hinta'iin warra hojii waaqayyo nu haagodhu. I really want to work with the proposalist, theorists than with the few action-oriented ones.
Ani kan kanaan dura hiikame sana akkuma natti kennametti nan hiika. Garuu na qaqqabee hinjiruuti e-malii koo kanarratti attach naaf godhi. E-malii kee dhuunfaanis siif barreeseeraati ilaali. Obbo Sooressaanoo sarara kanarra hinjiruu?Mee yaada kanarratti yoo wal gargaarree hojjanne yaada naaf haa kennuuti itti naaf dhaamaa.
Yaa obboleeyyan kiyya,
Afaan nuti ittiin jijjiirrus waaltessaa deemuutu nurra jiraata. Hanga danda'ametti jechootni, gaaleewwan, loqodnillee kan  Oromoonni baay'een ittiin waliigalan ta'uutu irra jiraata. Kan ganda keenyaa qofa fayyadamna yoo jenne ammallee isaaf hojii addaa waan nu gaafatuuf amma danda'metti waaltesuurrattis haa xiyyeeffannu.
Faajjii

Abdi Saba <adem...@gmail.com> wrote:
Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages