Dhiiroo maal taaneet rafnee hafnee???!!!

26 views
Skip to first unread message

Sooressaa/Tokkummaa

unread,
Nov 18, 2006, 2:25:28 PM11/18/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Nagaan koo kan obbolummaa hunda keessan haa geessu.
Osoon ergaa kana isinii hinkatabin dura waa'ee hojii gumii kanaafi
mataa kooti keessa deebi'ee laalaan ture. Adeemsuma kana keessa ofis
miseensota gumii kanaas hojii jalqane xumuruu dadhabuu keenyaaf
komachaaf taajjabaan ture. Dhuguma dubbiin isaa qaanessaadha.

Mee akka itti jalqabne yaadadadha. Tibba sana daboon saas ergaan nuyi
maxxansinus ho'aafi jajjabeessaa ture. Kuni kaa waggaa tokko dura ture.
Amma duubatti deebinee fuulota hiikaman yoolaalle guutumaan wanti dhume
waan tokko malee hinjiru. Kana namni maal nuun jedha. Afaan
Amaaraatiifi Afaanota Afrikaa baa'eedhaan hikamee dhumee tajaajila
kennaa jira. Kan keenya kun maalif achi si siquu dide? Dhugumaan of
gaafadhaa.
Tarii sin yakkuufi miti. Ammas addaan faffacaanee turree amma walitti
deebinee hojechuutti qaanofne ta'a. Dogoggorreerra dogoggora keenya
fudhannee hojii kana haa xumurru. Waan jalqabne haaxumurru. Ani mataa
kootiin biyyaa haala hammaata keessan ture, jirasi. Intarneetiin nuti
argannu baa'ee xiqqaafi too'atamaadha. Yeroo baayyee hinbada.

Egaa namoonni gumii kanarra jirru baa'ee ta'uu keenya nan beeka. Haa
daddamqnu, irriiba dheeraa keessaa kaanee afaan keenya qaanifi
qoosarraa haa hambisnu.Yookaan hawwiidhuma ta'a. Keessumaa warri
intarneetitti fayyadamuu dandeessan jabaadhaa. Ofirras dabarsuudhaan
waa'ee gumii kanaa nama Oromoota birootti dabarsa.

Qindeessaan keenyas adaraa kee jabaadhu. Abdii hikutannu. Ba'ee nutti
dhaga'amu namooni akka keenya loltummaan osoo tajaajillee waraana
keessatti boji'amna. Jilbi nu hinbu'ini. Anis amma umna kiyyaafi haalli
nuti intarneetii dhabuu biyyaa keessa jirru akkuma heyyameen, amman
danda'e nan gumaacha. Osoon ergaa kana hinkatabinrree Main search page
irraaa waa xiqqoo hiikeen ture.
Gabaabumatti walitti haadeebinu ho'inaa hamileefi onnee duraa sanaan
deebinee kaayyo keenya galmaan haa geenyu.
Tokkummaadha

Damee Orma

unread,
Nov 20, 2006, 2:30:10 PM11/20/06
to Sooressaa/Tokkummaa, Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Nagaan Waaqa haa dursu,
Ee Dhuguma jette Sooressaa/Tokkummaa "waan tokkoo jalqabani dhisuu
irraa jalqabu dhisu wayyaa" jedhu worii kenyaa. Anis yeroo adda
addatti wanti kuni deddebi'ee naa yaadessa ture, takka takkaa immoo
osoon harkaa koo keessaa naqachu badhee jedhen yaade.
Namooni asi keessaa jiran hedduudha. Isaan keessaa harki 25 - illee
jajjabadha, nutis isin cinna jira hin jenne. Namooni kuni kanin ani
beekudha, baay'ee Oromummaaf dhiman haa taa'u maale maali akka hojjii
isan dhorke na dhibeen dhise. Waa'ee kana Marsaallee Oromoo akka ONA,
ONET, OROMOINDEX fi Paltalk irratti deddebi'ee gafaachan ture. Iddoo
tokkoo tokkootti namni tokkooille deebi hin keninnee - waansayyu
hibboo nati taa'a dhufe.

Amma akkumma atu jette, ani gamaa koo caraqaa hin lakkisuu. Garaa
Oromoindex irrayyis namooni tokkoo tokkoo waan kana deddebisani kaasa
jiran jiru. Ergaa kees achitti nan dabarsaa. Ati waamichaa keef
Ulfinaa argadhu, wori kanis akka waamicha keef owatanni deebi siif
kenani abdiin koo guddaadha.
Damee Ormaatti.


--
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Nobody can give you freedom. Nobody can give you equality or justice
or anything. If you're a man, you take it.
Malcolm X (1925 - 1965), Malcolm X Speaks, 1965
**********************************************

Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages