Akkas jechun ammoo Obboo Faajjii, Tokkummaa, Soressaa, Tamaanaa fi
Dr.Abdulsamad worotaa gulaalu irratti ramadamani dha.
Karaa biroo inni armaan gaditti argitan kuni yaada baay'ee baayesaa
taa'edha....kara e-mail dhunfa koo waan dhufeef isini erga jira. Yaada
kana qayyabachun woraa Gulaaluu/Gilgaluuf baay'ee murtessaa naa
fakkata.
*Wonti Biroo ani isin yaadachisu barbaadu ammoo, isa hiikame kana
namooni akka keessaa dephanni hin ballesinne wori gumii keesssa hin
jire jechu kooti maal haa gonnu?
Yaada koo: Yoo kaa Gulalamuu kana bakka tokkootti namoota akka Guulalan
kana biratti kufanne gaafa hojjin isa harki caalu dhumate baasu
woyinnaa?
Abdi Saba aka Damee.
Koodee (tiruu) kiyya obboo Damee,
Nageenyi badhaa! Alaa-manni nagayaa?
Kunoo isa natti ergite san, qaqqajeelcha duraa xumuruun sii ergeen
jira. Mee adaraa gara fuu! lduraa waan gara kiyyatti ergitu, akkuma
e-mail-tti naa ergi. Akka attachment-tti hin ergin jechuu kiyya. Banuun
isaa hedduu nama rakkisawoo!
A) Dhugaa dubbii yoo tahe, inni ati natti ergitee qubeen isaa hedduu
mishaa dha. Dogoggorrin ani argee sirreesse, waanuma namni qubee
sirriitti beeku dogoggoruu dandayu. Tahus bakka baayyeetti sirreesseen
jira.
B) Sagaleewwan tokko tokko kan biraatiin bakka buuseen jira. Akka
kitaabbii isaa garii qaqqajeelcheen jira. Isa kana irratti mee kanaa
gadittan waa jedhaa na hoofkalchi!
1) Sagalee (jecha) tokko tokko jalqaba hamma dhumaattan akka
walfakkaatu godhe. Fakkeenyaaf: "haaraa, haarawa, haaraya", isa
jedhamee tokko isaa duwwaa barreessuu irra wayya. Kanaafan bakka
hundaatti: "haaraa" barreesse. "Haarawa" kan jedhus sirriidhuma. Ammoo,
tokko gochuun nama dubbisuuf irra wayya. Akkanuma: Waa'ee > waaye! e,
dhi'oo > dhiyoo, dhihoo, ga'eessota &g t; gayeessota, danda'uu >
dandayuu, faa ...! Isaan gurraachoman kana yoo fudhannee ittiin
hojjanne gaarii natti fakkaata. Isaan hafaanis mee dogoggora mitii!
Ammoo, guddina afaan Oromootii tokkoo isaa filatanii waaltessuutu
mishaa dha.
2) Bakka tokko tokkotti immoo jechoota bakka hundaatti beekaman galchuu
irra wayya. Fkn: iddoo > bakka, eegaluu > jalqabuu, xuquu > tuquu faa
...!
3) Sagaleewwan baay'inaa keessaa isa (kana keessatti tokkoo isaa qofa)
fudhatanii hamma dhumaatti ittiin dhimma bawuun gaarii dha.
Fakkeenyaaf: takka guyyaawwan, takka immoo guyyoota jechuu irra tokko
isaan filee: guyyaawwan ...!
4) Bakka baayyeetti: dhaaf, jechuun fkn: sangaaf, sangaadhaa,
sangaadhaaf. Inni akka "sangaadhaaf" jedhuu kun hedduu ! nama rakkisa.
Waan looga naannoo Oromiyaa tokkoo taheef, sirriidhuma. Garuu, isa
ennaa barreessanis, ennaa dubbatanis namatti tolu, fudhachuu irra
wayya. Kanaaf, isa sangaaf yookaan sangaadhaa jedhumu irra wayya.
Akkanuma bakka: -dhaaf > -f kan jedhamutu bu'a!
5) Bakka tokko tokkotti fakkeenyaaf: seenaa, seeni ... galchaa, galchi
... faa jedha. Kanaaf, isuma: seeni, galchi, tuqi ... faatu irra gaarii
dha.
6) Isa akka hindeemuu, nideema faa ... hin deemu, ni deema faa jechuun
addaan baaseen jira.
Obboleessa kiyya obboo Damee, akka nuti afaan keenya waaltessaa
deemnullee otoo mandhee ONA irratti walmariyannee dansaa dha. Ammoo,
namoonni keenya hedduun waan afaan irratti haasaa hin fedhan natti
fakkaata. Isaan ammallee afaan alagaatiin walitti haasawuu ! (jechuun
otoo afaan abbaa isaanii sirriitti beekan uu) irra filatu! Mee ammaaf
kunuu ni gayaa, nagaatti!
Obboleessa kee
Taammanaa Bitimaa