Fulle Googlii kana hiikun essaan bay

3 views
Skip to first unread message

Bosonaa

unread,
Dec 21, 2005, 9:57:28 AM12/21/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Dhiroo,

Yeroo dheraaf mana kanaf tattaffii googlii afaan Oromotti hiikuf
godhamaru ilaalaan ture. Hata'u malee osso jijjiramni tokko illee hin
muldhatini guyyootiin baay'een darbanii jiru. Kanafauu namni haala kana
keessa beeku wanta hojjatama jiru qoratee yoo nuuf ibsuu danda'eef
baay'e irra gamadna. Kuni irra gudda kan ilaalu namoota haala hiikaa
kana qindeessu'uf irratti ramadamtani jirtaniif abba addeemsa kana
tooyataa jiru ilaala.

Bosonaa

Damee

unread,
Dec 22, 2005, 1:31:39 AM12/22/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Nagenyii isin hundaaf haa taa'u,

Yeroo kaluu keessaa dhimma tokkoof oli-gadi kachaa wanan tureef yeroo
argadhe eessa akka jiru fi maali irra akka jiru isin qabsisuu hin
dandennee. Mee maalo isin hundi naa Ofkolchaa!

Ergan kana jedhe hanga haar'atti bakkummaa November 30 jira namni
tokkoo kan jecha takka jijjirree hin jiru naati fakkattaa, anas
dabalattee.

Google Main Search Site (29% complete) *
Gmail UI (7% complete)
Gmail Email (37% complete)
Gmail Static UI Content (3% complete)
Groups Beta (2% complete)
Groups Beta -- High Priority (100% complete)
Main Site Help Pages (52% complete)
Orkut (4% complete)
Picasa2 (0% complete)
Toolbar (63% complete)
Toolbar Installer (14% complete)
Toolbar Resource Files (2% complete)
Toolbar Help Pages (1% complete)
Wireless (23% complete)

Amma waan goonu kaa akkumman duran waada sennetti haar'a Waxxabajjii
22, 2005 irraa kaase dirqamaa koo bayyuuf nan tattafadha. Isin wori
kanis maaloo mee nuu birmadhaa. Akkumma tanan dura ibsetti Obboo
Tamanaa fi Faajjin gaa'e isani kan marsaa dura rawwatanirru....Obboo
Tokkummaa Ganamoo fi Tokkummaa/Sooressan yoo erga tana argatan waan
irra jirtan nuu beksisaa.

Obbo Eger misensaa haara taate nuti dabalamuu keef nooru baga dhufte,
marsaa kuni baratottaa Oromoon Googil Afaan Oromootti hiikuf akka yaada
woli jijjiraa hojachu dandennuf dhabattee. Akkumma arman olitti agartu
hanga ammatti hangas ofi afoo tarkanfannerraa....woli wojjin immoo
yeroo gababaa keessaatti akka galmaan geenyu abdin qaba.

Nagan,
Damee.

tokk...@nexgo.de

unread,
Dec 22, 2005, 5:11:25 AM12/22/05
to adem...@gmail.com, gumii-dagaagin...@googlegroups.com
Waan hunda dura nageenni obbolummaa isin maraa haa dhaqqabu.

Hujii isin irraa fudhadhe xumuruu dadhabuu kiyyaaf heddu ofitti gaddaa, waan hujiin natti heddumaateef
of-duubatti harkifachuu kiyyaaf dhiifama guddaa isin gaafadha. Dhipphina yaroo irraa kan ka'e yaroon xumuruu dhabullee dirqama ofirratti fudhadhe bahachuun akka narra jiru irraanfachuu dhabuu kiyya
kabajaa guddaa waliin isin beeysisa. Xalayoota armaan dura nuu barreessitaniif deebii kennuu dhabuun
kiyyallee sababuma kanarraa kan ka'e ta'uu akka naa hubattan abdii guddaa isin irraa qaba.

Hubannoo keessaniif (for your understanding) heddu galatoomaa.

Waaqni GURRAACHI nagayaan walitti nu haa deebisu.

T. Ganamoo Caamsaa


----- Original Nachricht ----
Von: Damee <adem...@gmail.com>
An: Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo <Gumii-Dagaagin...@googlegroups.com>
Datum: 22.12.2005 07:31
Betreff: Re: Fulle Googlii kana hiikun essaan bay


Machen Sie aus 14 Cent spielend bis zu 100 Euro!
Die neue Gaming-Area von Arcor - über 50 Onlinespiele im Angebot.
http://www.arcor.de/rd/emf-gaming-1

Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages