Afaaniif miti hojiin dagaagu

63 views
Skip to first unread message

G. Roobaa

unread,
Jul 6, 2006, 6:15:44 AM7/6/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Afaaniif miti hojiin dagaagu

Yoo uffatan qomee wayya
Aadaa Oromooti qorxisaa
Yoo abjootan dhugaaf wayya
Dhari boleetu bor fokkisaa

An ayyaantu saba Oromo
Kafaniikoo Qomee Ateetee
Dhugaan abjodha seera uumaa
abjuun du'a kan isa dagatee

Seenaan aadaa caaqaf miti
Uggum jedhuf mirgi dhaloota
Lammiin beekaan ittin boonna
Yaa adagee maal nu gootaa?

Kurupheen tabbaa hin utaaltu
Jirma dooriin dhawwu qillee
Rukkutee aarii nun baatu
Abashaa nutti hin walalee!

Dhiichiisaa dhiichisaa doorii
Shimaalaan beekuu Salaale
Nu dhisa xaabeetaa hin nyaannu
Cuumboo fi Kaashii ta'u malee

Shubbisaa daalaga noolee
Jimmaaf qaallu qontor dhaqu
Nu jabadha ijooleen jaarsoo
Diina Oromoo ciidiin qaquu

Weedisaa seenaa warri hiluu
Jajuun diinaaf eeboo qaraa
Hi-Ya-Loola horro buuna
Coomman roobe keeloon darara

Wurso deema shagooyee sirbu
Noolee Kabbaa olla sayyoo
Bahaa fi lixaan aadaa Oromoo
Foolee sirba gadaa Guyyoo

Dhukaamsaa Noonoo nyaata gootaa
Nyaataan lafee gumaa hin baasu
Alaagaaf miti kan dhabne humna
Cincica Lammiin saba boosisu

Buna-Qalaan nu hamachiisaa
Gorsaa fi dhaamsa kan Booranaa
Waangelli seenaa saba ambaa
Qiliilee Wangelle safaa bonaa
Safaan gubee daggala aarsaa
Qiliile hin buunu aadaan boonna
Aadaa Oromoo seenaa bokkuu
Cubbuun miti Safuun eeggana!

Marqaa aatettee baqsaan nyaatu
Jimmaa bunaan rafuun ashetee
Aadaaf jenne kuufnee yoo kaanu
Adagee raatuun diina nu seetee?

Talila babillee bishaan qarsaa
Dhugaa booruu seenaa Ambo
Jibaat roobee yaa loolaasaa
Nophaa fi Goreen cabsaan huboo
Goma buu'een buna ciraa
Baale hin nyaatu gumaa qoboo
Yaa Karrayyuu dabeen leensaa
Gujiin diinaaf hin ta'u qaboo
Yaa illeelaan dooqa kabbaa
Uggum Arsiif qeelise gimboo
Sirbi tolee hummoon aaddan
Dhiichisaa seenaaf warri baaboo!

Waddeesa muraan digaluun goga
Hidda malee baalli hin dagaagu
Dameef boowu lammiin dhalootaa
Dagaaga seenaaf hojjeetan raagu

Aafaan dagaagsuuf beekan Oromoo
Jaatani qabsoo bajjii bastani
Ancooteen aadaaf lafeen jabaata
Abdiin aayeetu gafaa elmatani
Dhama eebone ittitu raafne
Hojiin akkaana hinqaanooftanii?

Dagaaga aadaaf hojjeetan raagu
Afaaniif miti hojetan dagaaguu!


G. Roobaa

Damee

unread,
Jul 10, 2006, 11:31:59 PM7/10/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Waloo Oromoo Obboo Roobaa Gudayaa,
Qeqmayaa fi yaada kee bilchataa Walaloo akkas midhagun qindesittee nu
dabarsitee ani gutumatti fudhadhen jira. Dhugaadhuma, waggaa baay'ee
hasofnee---isa hasayamuu hojitti hiiku hanqannee hawii duwwatti hafne.
Gamaa kooti fedhi guddaa fi hamilee cimman project kana fixxan baasuf
tattafi addan hin cinnee godherraa ammas ittan fufaa. Haa taa'u maale
Tibannaa (Baati 5 darban keessaa) Koraa Dargagootaa fi Shamaran Oromoo
(Oromo Youth Leadership Conference) akkan qindessuu dirqamaa fudhadhe
yeroon naa hanqatee. Atis gaafa hojjii kanatti deebine akka nu cinnaa
dhabatu asuman irraa deebi'ee si gafadha. Worii kanis Iyyaa kana
dhagayee akka birmannaa nuuf godhu abdin koo guddaadha.
Nagaa Waaqan,
Dameedha.

G. Roobaa

unread,
Jul 12, 2006, 4:04:56 AM7/12/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Galatoomi obbo Damee

Jabaachun hawwii hundaati.
Kan nama jabbesu waaqa
abdi kutuun nurra hinjiru
itti fufu qabna

G. Roobaa

Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages