Dalaga Noolee

210 views
Skip to first unread message

G. Roobaa

unread,
Oct 27, 2005, 8:44:10 PM10/27/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Dargagoon Oromoo sirba wal koratte,
Tokko shaggoyyee sirba jimaasa qabatee,
Tokko hiyyaassee sirba allaaduutti irkaate,
Kaaniimoo hin shubiisa buna akkaawwatee,
Kaan haaduu qarata akka waan qalaatee,
Tokko sagada deemee ijaatu dhukubsaate,
Hojiin abba dhabdee lammiin xaneen dhumte.

Mani kun kan eenyu ilaaluufaan lixee,
Eenytu hiika laata seenaa isa nu xaxee,
Nooleen mee nu tuumaa haadu ishe haxee,
Dalagaaf itti beektu kaan rabbi yoo fixee.

G. Roobaa

Damee

unread,
Oct 27, 2005, 10:57:04 PM10/27/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Harkaa funne Ashamaa hundi Ilmaan Ayaa
Dubbii Jabdu fidde yaa Roobaa Gudayyaa

Wonti ati jette Ciigollee fakkatti
Baga nagaan dhufte dabalaamte nuti,
Aada kenyaa baal'aa kan Sirba-dhichisaa
Gootni gad-bayee ittin woli duchisaa,

Helemaa fi Tirii, shaggooyyee fi Ragadaa
Waaqni nuu badhasee kan nuu kenne hundaa,

Mee wonti ati jette sirriti naa galee
Irraa dephii Ibsi yaaboo baddaa kalee,

Mana kuni kan kenyaa nuti Ijaratee
Afaan Saba kenyaa haa cimuu jabatee,

Hojii Abbaa numa saba Oromooti
Harkaa waa hin kenanu hubadhu xaneeti.

Mee nuu Ibsi maalo ciigon kee nu dhibe
Noolee kuni Enyuu maal dalagaa Aabee?

Dameedha.

G. Roobaa

unread,
Oct 28, 2005, 3:18:22 PM10/28/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Dameen haa dagaagu inni lammiif gaaddisaa,
Gudayyaa ofkolsha Abbayyiin haangaftisaa,
Sirna abbaa gadaan hayyuun mee eebbisaa,
Hundi qaalluu hin ta'u qabaatus beekkumsaa,
Qomoon rorroo jibbee gorsa lammiin obsa,
Ani eebba hinbeeku nooleen mee na gorsaa,
Ayyaantuu qoradhaa kan beektu hiikasaa,
Mana ijaartanin mee nu keesuumsiisaa,
Galta guddaa qabduu ajjeeraasaa cimsaa!
Dargaagoon follee sirbu safuu kaamtu ittisa,
Ciigollee fakkeesse waan garaasa ibsa!

Hayyee obbo Damee ati eenyu jettee?
Eenyuu jedhu laataa maqaan dhoksaa taate,
Shaggoyyeen shubisaa Ilma ituu argatee,
Hi-yaa-lola eeboo Maccaa na qooratee,
Anfaroonaan dhichissaa Tulama na beekte,
Mormaanan cagada Walloon yoo ol baate,
Wayyuu qomoo jarsoo sirbaaf na gaffate,
Boquun si simadhaa Arisi yoo buutee,
Siin shubisaa yaa hadhoo gibeen yoo as ceete,
Shimaala haarooresaa ullee koo yoo beekte,
Oggummaa koo hin beeku alagaan na moote,
Ammalaakoo hin beeku qalbiin na tamsaatee,
Anis ilima Oromoo garaan yoo si ciifte!


Harki kan hojjettu saamutu tilmamaa,
Xannee kan mancaasu hojiidha dhugumaa,
Aafaan saba Oromoo siida Oromummaa,
An hirba dhabeef hin beeku kan Ormaa,
Kan jabeessus ta'e kan laffisus numa,
Wamichaa kee fudhee onneeraan siif hima,
Atti jetteef miti kun nu hundaaf dhimma !

G. Roobaa

Damee

unread,
Oct 29, 2005, 1:41:22 AM10/29/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Akkuma yeroo kani nagayaa Ambanaa
Ee! akkana maale Guddayyaa Sabboonnaa,

Aada saba kennaa si sirnan hubattee
Hangafni haa Eebbissuu waamicha fudhate

Ayyantuu fi Gadaan mee maa cal'ftani
Isin caqasarraa akka nuu Eebbiftani,

Mana kuni kennaa hunda ofum-keesummessaa
Oromoon sabni koo Keesummaa hin Ulfessaa
Daballee fi Foole maaltu gadi-Ittisaa
Mirga Adda qabna Sirna Gadaa keessaa
Asi baasa dubadhaa, Ciigo fi Mammaksaa
Waan Oromoo tolu yaada keessan Ibsaa!

Damee Immuutti ani haa wol-baruu Roobaa
Maqaama keetimoo Guddayyan kuni duuba?

Shagooyyee fi dhichisaa situ itti beeka
Carraa sani argadhe, hin Shubifne takka
Silaa itti eda'aa amma fudhe si-harkaa

Akkatti bareeddu yaa Aboo asumaa
Yoo naa taresituu Sirba Aadaa Ormaa
Waan bara haa dhifnu kaa caalu Aadumaa
Osoo itti beeke ni gerarraa ammaa
Oromoon sabni koo Mammaksaan waa himaa
Roobaa nuu jiradhu si yaa cimaa namaa!

Bulii jiradhu mee si yaa Ilma Biyaa
Mee itti ed'aii maalo Ilmaa Ayaa
Akka Ciise buluu, rafuu garran kiyaa!

Waamicha fudhachu nutis hayyee jenne,
Nama hedduu jira kaa waan kana hin bekne
Dhimaa hunda taa'u namooni hubanne,

Mee Hojjitti haa kaanu harkaa wol-qabanne
Aadaa Sirna Gadaa fi Oromiyaaf jenne!
Tennetumaa duuba hasayuu dhiifanne!

Damee dha.

G. Roobaa

unread,
Oct 29, 2005, 9:11:55 AM10/29/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Damee baasu maaqaa diroon gaafa fufu,
Ijji hamaan siin argiin arguus siif haa tufu,
Jechoota mamaksaan aadaan saba yoo ifu,
Qomoon cimnu malee diinni caaqu hin kufu!

Waaqni yoo nu uumuu waan hundaa nu kenne,
Akka of ilaaluuf ijja kan nuu banee,
Akka wal dhageenyuuf gurra kan nuu kenne,
Akka waaliif yaadnuuf sammu nu hin dhoowane,
Lakkawaamee hindhumu kan waaqni nu kenne,
Keessa waan afaani hooda dhuma hin qabne,
Gomoo meeqa ce'a yoo dhugaaf dubanne,
Fakkenyaaf mee hubaadhu nutti maaf gammanne?,
Ijjaan wal hin beeknu Qiille hin taphanne,
Waaliin hin tiksinee Holloo hin dhaahanne,
Gadaaf korma hin qale Folleen luba hin baane,
Weedduu fi geeraarsaan mukuu wal hin baafne,
Naaf ibsu dandeessa garuu maaf gammannee?

Garaa si raasuuf male ani keesumaa miti,
Afaan koon haasawaa qoomoo koo cinatti,
Obbolaan kumaatama dinni maal na gootti,
An kanshee hin tuqne kan koof na jibitti,
Nuuf uumaatu tumsaa uffuma amaatti,
Gargar waan faccaneef har'a nu aarsitii.

Kee Damee jette maqaan hamachiisaa,
Koo Gudayyaa Roobaa maqaa seenaatu ibsa,
Seenaan kan na gubu sirna aadaa cunqursaa,
Gudayyaan qomoo koo ni beeka dhugaasaa,
Maqaan kan dhuunfaa koo hedduun seenaasaa,
Qarsee maqaa masoo aaga abdaari qarsaa,
Nooleen yoo na waamtu nan jeetti Tolasaa,
Roobaa nan jedhani ilima aadaan Sooressaa,
Maqaa tumsa Lammii nan jedhu Biyyansaa,
Maal jedhee si ibsu eega yaa obbolleesaa,
,,Gamni hin walaaluuf yeroof sitti quuqsa"
Gudayyaa odaa Roobaa dameetu gaaddisa,
"Dofaa lammiin abdatu kan qaru afuursaa"
Gafaa waal arginee siif hima dhugaasaa!
Daaboo fi jigiin malee kan hin taane waansaa,
Daadhabu na gargaari balleessu siin kiisa,
Akka aadaa Oromoo lammiin walii tumsa!


G. Roobaa

Damee

unread,
Oct 29, 2005, 11:14:00 PM10/29/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Oltani/bultani hundi ilmaan Biyyaa
Saa'a nami nagayaa yaa Roobaa Gudayyaa?
Qe'ee re'een hundi boona Ilma Ayaa?

Wolalloo tee tana ani dubbise hin quufu
Ciminnaa dhabatu nuti taa'e gufuu
Dhugaa kee dubbate dinni Cabee hin kufuu!

Himammelle hin dhumu kennan Waaqa keenna
Kan dhunfa haa hafuu inumitti biyy-teenna
Mee kami irraa himne kami irra hambifnaa
Biishan lagaa yaa'u, Bosonallee qabna

Qotannee galfannaa tasa waa beelofnaa
Kaa darban oli bafti bekta biyyi teenna
Osoo lubbun jiru akkam irra hafna?

Waa'ee Afaan keenna, kaa yaa'an galaana
Mammaksaa fi Hiibo, dilli jechas qabna
Gurraa mi'an isa naa machesaa ana
Kana ana ati Gammanne Seeqana!

Gar-gari banne hin hafnu nutis akkanatti
Osoo nu Tokkomne ofin kaate galti
Waaqni haa fiddu mee saba koo wolitti!!

Yaa Roobaa Sabbonnaa nama ofi hubatee
Waa heddu tuttuyxe garraa koo naa raftee
Cunqursaan haa baddu kaa biyyaa nu baftee
Waa'ee Odaa Oromoo osoo nu barsiftee,
Seenaa saba Oromoo dhaloota hambiftee
Mee bulli jiradhu, haa guutu qe'een tee!

Dabboolle sin baha anis sin dhadadha
Mee ammas hofkolti woyin si gafadha
Egaa dhufte amma maati tokkoo taane,
Akka galman gennu hoojji isa jalqabne,
Maali sitti fakkata Gulaalu irratti osoo si Rammadne?

Dubbichi akkana kaa amma barbaannu
Nama Quubessurratti ofitti amannu
Mee yaa Boona Lammii eessa si rammadnu?

Woyin si qabsisaa akka nu ibsituu
Sirna Gadaa irratti akka nu barsiftuu
Namu hojji qaba akka Umrii isatti
Foole fi daballee haga Jarsatitti
Nutis kaa,
Hojji haa qoodannu akka dandetitti!

Toltutti,
Dameedha.

G. Roobaa

unread,
Oct 30, 2005, 8:07:41 AM10/30/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Nooru ilimaan Oromoo nagaan Waaqaa haa dursu,
Guraacha garaa garbaa qooqasaan wal eebbisu,
Manni fi alli nagaa lammiin wali tumsuu?
Ayyeetuu fi Baqsaan daa'ima nuu gabbisuu,
Laga fi margi nagaa dhameessi maddisuu?
Jiru fi jireenyaan qomoon wal leellisuu?
Olla nama hiyyomsu Waaqni nurra haa kaasu!

Dameen haa dagaaguuf seena wal qorranne,
Qorraanaa fi eebbaan nagaa walii dhaamne,
Dhimmaa mata ofiif hundi hiriba dhabne,
Dagaaga afaan Oromoo egereef abjoonnee
Gamachuun hin hafu hojiin yoo dhugoomsinne!

Dhageessaa obbo Damee seenaa hawwii fi hojii,
Badaa jiraatani yoo qotan gamoojii,
Asheeta yoo hawwaan otoo hin bisheessiin bajjii,
Xannen nama dhoofti baatii Waxabajii!

Kaanaf yaa hadhookoo hojiin waliif dhimmaa,
Wamichaa fi Ramaddee hineegatan gonkuma,
Jedhee waanan yaaduuf kun hundaaf dirqama,
Anis ittumaan jira Guulala Oromummaa,
Harka dhibaa keessaa fixeera harka lamaa,
Kan haafef nan caraaqa dadhabu sittan hima!

Ollaan safuu hin beekne addunyaan mee gorsaa,
Gadaa Oromoo diigee qomoo wal nyaachisaa,
Gadaan barana quufa uggum yaa eebba jarsaa,
Egereef rajje Qaalluun Oromoof ifa-qorsaa,
Gadda egeree nu olshiif eela sirna cunqursaa,
Lammiin waliitti iyya beekate dhibeesaa,
Tokkummaa dhaaddata isa hundeen Bilisaa,
Kataabuun hin hafu yoon qabadhee beekkumsa,
Kittaaba gudda miti Walaloo-Geerarsaa,
Yaa Waaq na gargaarii wayee Gadaa seenaasaa!

G. Roobaa

Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages