Nagaa

5 views
Skip to first unread message

Damee

unread,
Nov 17, 2005, 12:05:31 PM11/17/05
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Obboleyyan akkam jirtu,

Dhiroo hagam takkallee siyasaa Impayeraa bututtu sana faana buune
hordofaa jirannu Hoji-mane kennaa Irranfachun nuraa hin ture. Erga
gaafa dhuma Rammaddi tokkoo basne akka Gilgalamuu gara namoota
Rammadamanitti erginne nami tokkollee kaa "Jecha" takka Jijjiree hin
jiru.

Anillee akkuma heddun keessan bektan Jirenyaa wojjii woldhansoo cimmaa
qaba jira waan taa'e carraa hin arganne. Kanaf yoo Gotoonni Ilmaan
Oromoo biyyaa keessaatti dinna wojjin kokkee wol-qaba jiran nuti maali
jira gaaffin jettu Belbeltuu fakkatti.

Tokkoffaa Hiriraa baane Degarsaa fi Hamillee isani cimsa jira? Ilalaa
mee waan Amarraan dhengadaa DC itti olchite. Lammaffaa Xalayaa
Motummootta addunyaa fi humnoota Mirga dhala namaaf falmanitti xalayaa
adda addaa barressaa jira? Gaaffii hedduu kasuun ni danda'ama kanumaaf
mee kaa biroo haa hafutti dhiroo yaboo waan jalqabne kana fixaa haa
basnu!

Waan Oromoon jette tokkoo isin yadachisuu....." Jalqabuu dhisan maale,
Jalqabanni hin dhisan!"

Ammaf kanumaan jedha haga torban dhufutti karaa demmu kooti sana booda
bal'inaan wolitti debbinaa.

Akka isin hundi Hojji-manee keessan Rawwatan abdi gochatti!

Keessanummaa,
Damee.

Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages