Alaabaa Oromoo

707 views
Skip to first unread message

Sooressaa/Tokkummaa

unread,
Apr 19, 2006, 12:58:46 PM4/19/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo

Alaaabaa
Dhiiga gootowwaniin sarararamtee
Lafee qabsa'ootaan ijaaramtee
Si arguudha hawwiin koo ol kaatee
Aduu bilisummaa ibsitee
2x
Moggaa lamaan diimtuu magarisaan gidduu alaabaa,
[Walakkaan kee aduu handhuurri kee odaa] alaabaa
Gaddisa Abbaa Gadaa alaabaa
Sidhabeetan gaddaa alaabaa
Gaaddisa Abbaa Gadaa alaabaa
Si arguun barbaadaa alaabaa
Siif jedheen wareegaa (yoomiyyuu lubbuu koo 2x)
Siif jettee yoo baatee galmoofti seenaan koo
Fayyiti lubbuun koo
Ati olkaanan nibaati gumaan koo yoos baati gumaan koo
Ati ol naaf kaanaan ni baati gumaan koo

Dhiignis haa loola'uu lubbuun koos haaba'uu
Amman si kaasutti jireenya naa hintaatu
2X
Alaabaa alaabaa situ faajjii kiyya sit mallattoo kooti
Maafan si wallaala 2X uhuu..uhuu..
Dhiiga gootowwaniin sararmtee
Lafee qabsa'ootaan ijaaramtee
Si arguudha hawwiin koo ol kaatee
Aduu walabummaa angaatee
2x
Warri gootowwanii alaabaa
Warri qabsa'ootaa alaabaa
Beektoonni Oromoo alaabaa
Warri Sabboontota alaabaa
Ol si kaasuuf jechaa alaabaa
Bosona seenanii alaabaa
Siif of wareeganii alaabaa

Dhiigni gootoowwani hinrafin naan jedhaa maaf rafta naan jedhaa
Seenaan sabboontotaa maaf rafta naan jedhaa(2x)
Alaabaa kee kufee ol kaasi naan jedhaa
Mul'isi naan jedhaa
Alaabaa Oromoo olkaasi naan jedhaa
Mul'isi naan jedhaa


Dhiignis haa loola'uu lubbuun koos haaba'uu
Amman si kaasutti jireenya naa hintaatu
2X

Alaabaa yaa farra gabrummaa,
Biiftuu walabummaa siifan wareegamaa
2x
Siifan wareegamaa.. uhuuu...uhuuu!uhuuhuu!

G. Roobaa

unread,
Apr 20, 2006, 10:44:40 AM4/20/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Alabaa Oromoo Fajjii Madda Walabuu,
Gurracha, diimaa fi adii si qoraatu haallu,
Heeddutu sif waregamee otoo diina loluu,
Seenaa fi hundee kee qomoon hin wallaluu,
Har'a ukkaamamtus boru bilsni hin oolu
Roorroo siin obsina abdii seenaaf tolu!

Qondali yoo geeraruu qabatee faachasaa,
Lubni seenaa yoo himu kan ibsu hundeesaa,
Gootni hin wallalu hundee seenaa bilisa,
Gurracha, diimaa fi adii essa kamtu dursaa?
Hundeetiin buqiisee diina isa roorisaa,
Irree tokkummaatin gootatu ol si kaasa!

Qabsoo saba Oromoof bokkuu fi kalaachasaa,
Fakki Odaa raagee bonaa fi ganna lalisa,
Ijoolle abban Gadaaf akka damee gaaddisa,
Gurracha, diimaa fi adii essa kamtu dursaa?
Tokkuumaatu humna qomootu ol si kaasa!

Alabaa Odaa Gares Borani siin eebbisa,
Safuu Gujjii fi Karayyuun situ seera tiksa,
Alabaa Odaa Bultum Ituun siin shubbisa,
Ijoollee arfaan qalloof situ adaa muldhisa,
Alabaa Odaa Roobaa Arsiin siin qeelasa,
Eleellaan fi dooqaan situ isan midhagsa,
Alabaa Odaa Nabee Tulaamni siin dhiichisaa,
Situ jaawwi ta'e anfaroo midhagsa,
Alabaa Odaa Bisil Maccii siin dhaadhesa,
Hi-Yaa-lola Eeboon diinatti si mirmirsaa,
Halluu keentii jinfuun eenyumma muldhisa,
Alabaa Odaa Makoodii Wallo siin hurbsaa,
Weeduu guraamaleen situ diina boosisa,
Gurracha, diimaa fi adii essa kamtu dursaa?
Utubaa tokkumaa qomootu ol si kaasa!

Lammi haa hubannu waan ta'e hiikaasa,
Haallun Fajjii Walabuu waan seena nu gorsa,
Gurrachii egreef wallaabumaatu dursa,
Egeree hin hodaani kan eenyumaa dursaa,
Diimaan daandi dhuga dhiigaatu gabbiisa,
Amolee abbaan tufate ormi hawwa gomjiisaa,
Qomoon hin tufaatu kan ibsu eenyummasaa,
Adiin seenaa darbe qomoon ittin obsa,
,,Kan darbee hin darbatani"- jechi Oromoo gorsa
Kan seenaa tufate hin tolu egereensaa,
Faajjii Madda Walabuu uttubduu bilisaa,
Gurracha, diimaa fi adii dhugaatu gabbisa,
Alabaa Oromoo seenaatu isheef tumsaa,
Birmadumaa Oromoof isheetu seenaa ibsa,
Tokkummaan dunafi qabsootu ol nu kaasa!

G. Roobaa

Damee

unread,
Apr 21, 2006, 1:49:09 AM4/21/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Alaabaa Oromoo Ibsituu dukannaa
Roroo Gabrummattis hunda siti Obsinaa.
Himani hin fixaani keesahu bahani
Si gadi dhabuf jecha lubuu kan dhabani.
Maddin laman diima jiddun Magarisaa
Alaabaa Oromoo dhigaan koon si kaasa.

Yaa Faajji Walabuu calaqii Tokkummaa
Bu'urra Dimokrasii Jalqabaa ganamaa
Seenaa keena hunda nu siraa qoranaa.

Alaabaa Oromoo mee waa si gafadhu?
Afaan koo baafadhee, haar'a waa dubadhu?
Kaalessa irraa haar'atti si gadi dhabu jecha
Nama meeqa dhabne, itti jira cicha
Garuu,
Diddee gad-dhabachu maalif kaate butaa
Ati yoomi oli jette adunyaarra bataa?
Yoomi ati kan dhayxu galmaa Motummootaa
Gaafi kami taree galtee Mallatoo nuu tataa?

Yaa Faajji Walabuu gaaffi koo dhagetaa
Yoomi lafa oli jette saba koo gorsitaa
Tokkummaa kaalesaa hunda yadachiftaa
Hiika kee Ibsitee abjuu kenyaa hiktaa.

Adunyaan gutun kuni nama ofitti bulaa
Alaabaa isa baase samitti oli Ilaalaa
Sabni guddan gabromee Oromoo nu calaa
Saba koo dammaqaa kotaa woli galaa
Nama woli galee wolin alaa-galaa!

Alaabaa Oromoo Ibsituu dukkanaa
Bonsituu lammi koo firii sabbonumaa
Jenne wajjin kaane tokkumman farfanaa
Faajji keena kafne seenaa irra baranaa.

Gammachun machofnee dhinee Wiriqanaa
Yas geloo fi Tirii-Helemaan dhichifnaa
Faradoo gusinnee, Korboo faa taphanaa
Nutis Biyya teenatti Alaabaa dhabanaa!

Umrii siif haa keenu jiradhu Ilmaa Ayaa
Sabbonnaa Oromoo yaa Rooba Gudayaa
Eessa nura dhayxe sagalee dhoyfatee
Nutillee gammadne Faajji fidee dhuftee
Tokkumman nuu kaasa harkaa woli qabannaa
Nutis biyya qabna Alaabaa dhabannaa!!

Tokkumma/Soressaa boona Ilmaa Biyyaa
Saani kee, namni kee hundi si nagayaa
Maaltu jira dhiroo Oduu Oromiyaa
Nuu himi situ argaa situ bira jira
Nu teena bafachuuf duru baane Irra
Halaala teenetoo yaadni nu weerara!

Isin wori kaanis Oromooni martuu
Namni maa hin dubannee,
yaa firaa koo Jirtuu?
Waan wajjin jalqabnee waan baredduu sana
Maalif addan kune naa himtu ambannaa?
~Damee Immuu~

Sooressaa/Tokkummaa

unread,
Apr 21, 2006, 2:59:59 AM4/21/06
to Gumii- Dagaagina-Afaan-Oromoo
Dameefi Roobaa,
Yaa obboleeyyan koo walaloon keessan nama gammachiisa, dandeettii uumuu
keessan nan dinqisiifadha. Walaloon "Alaabaa Oromoo" jettu sun sirba
Angaatufi Kumalaarraa gara barreeffamaatti anaan jijjiirramte. Mirgi
weellistoota kanaa seeraan kan eeggame ta'a. Kaasseetta yoo qabaattan
sirbicha akka dhaggeeffattan isin afeerera.

Mee dhiiroo akkasuma waljajjabeessinee hojii Googil gara Afaan
Oromootti jijjiiruu keenya fiixaan haabaanu. Qabsoo jalqabanii gargar
kutuun qaaniidha.Galatoomaa.
S. Tokkummaa

Faajjii Seenaa

unread,
Apr 21, 2006, 4:22:27 AM4/21/06
to Gumii-Dagaagin...@googlegroups.com
Damee, Sooressaa,Roobaafi miseensota maandhee kanaa,
Nageenyi haadursu obboleeyyan? Fayyaa keessanii?
Anillee akkuma obboleessi keenya Sooressaan baane, walaloowwan keessan guddoo haalaan miira nama xuqa. Dandeettii waa uumuu keessanis haalanin dinqisiifadha. Mee waaqayyo akkuma kana nama dandeettii afuura jaallummaa nu keessatti horee, sammuu tokkoon yaada tokkoon diina keenya qee'ee keenyarratti nu ajjeesu ofirraa fonqolchinu nuuf haa kennun jedha.
Obbo Dameef,
Dooniin qophiirra haaraan osoo lafa jiruu namni doonii oofu dhabame. Kanaaf dooniin socho'uu dadhabe.
Faajjiidha.

Sooressaa/Tokkummaa <Mee...@gmail.com> wrote:

Love cheap thrills? Enjoy PC-to-Phone calls to 30+ countries for just 2¢/min with Yahoo! Messenger with Voice.
Reply all
Reply to author
Forward
0 new messages